Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Putiin Tiraampi waliin mari’achuuf qophii ta’uu ibsan

Finfinnee, Mudde 10, 2017 (FMC)- Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Pireezidaantii Ameerikaa haaraa filaman Doonaaldi Tiraampi waliin mari’achuuf qophii ta’uu ibsan.

Pireezidaanti Putiin ibsa miidiyaaleef kennaniin “Pireezidaantiin Ameerikaa haaraa filaman ana waliin mari’achuuf fedhii qabaannaan qophiidha” jedhaniiru.

Tiraampi waliin erga haasa’anii waggoota afur guutuu ibsanii, dureewwan lameen yeroo dhumaaf kan ijaan walargan bara 2019 yaa’ii biyyoota garee 20 Jaappaanitti gaggeeffameerratti akka ture BBC’n gabaaseera.

Doonaaldi Tiraampi erga marsaa 2ffaaf pireezidaantii ta’uun filatamanii as Pireezidaantii Yuukireen Voloodmiir Zeleniskii waliin baatii Fulbaanaa darbe mari’achuun ni yaadatama.

Tiraampi wayita duula filannoo gaggeessaa turanitti filannoo pireezidaantummaa yoo injifatan, sa’aatii 24 keessatti waraana biyyoota lameenii akka dhaabsisan dubbatanii turan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.