Pireezidaantonni naannoolee Amaaraa fi Gaambeellaa ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Ebla 11, 2017 (FMC) –Pireezidaantonni naannoolee Amaaraa fi Gaambeellaa ayyaana du’aa ka’uu sababeeffachuun hordoftoota amantichaa maraan baga geessan jedhaniiru.
Pireezidaantiin naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaan ergaa dabarsaniin ayyaana du’aa ka’uu irraa qormaata jabinaan ce’uu fi dukkana gara ifaatti jijjiiruun akka danda’amu baranna jedhan.
Rakkooleen har’a mudatanis dhalootatti kan hinceene, kan bira darbamuu fi kan furamaniidha jechuun ibsan.
Qormaatilees carraatti jijjiiruun nagaa uummataa cimsuu fi misooma ariifachiisuun akka barbaachisus hubachiisaniiru.
Pireezidaantii Itti Aanaan Naannoo Gaambeellaa Dooktar Gaatluwaak Roon gama isaaniin, yerichi yeroo kamuu caalaa tokkummaa fi sab-daneessummaa kan gaafatu waan ta’eef ayyaanichi yeroo kabajamu aadaa Itiyoophiyaanummaa fi duudhaa amantichaan ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Ijaarsa nageenyaa fi adeemsa jijjiiramaa naannichatti argame milkeessuufis amantoonni gahee irraa eegamu akka ba’aniif dhaamsa dabarsaniiru.
Oduuma walfakkaatuun kantiibaan magaalaa Dirre Dhawaa Kadiir Juhaar baga geessan erga jedhanii booda, ayyaanichi bifa ho’aa ta’een akka kabajamuuf hunduu tokkummaa isaa eeggachuu fi Itiyoophiyyaa caalmaatti gara fuula duraatti geessuuf tokkummaan dhaabachuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.