Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantoonni naannolee ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) –Pireezidaantoonni naannolee garaagaraa Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Afaar Hajii Awwal Aarbaan hawaasa musliimaa fi ummata Itiyoophiyaa maraan baga Iid Alfaxir waggaa 1446ffaa geessan jedhaniiru.

Iild Ayyaana waggaa waggaan gammachuu fi gaarummaan dhufuudha jedhan.

Ayyaanichi kan jaalalaa, fayyaa, tokkummaa fi nageenyaa akka ta’u hawwaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaanis baga geessan jedhaniiru.

Ayyaanicha wayita kabajnu duudhaalee gaarummaa, tola ooltummaa fi waloomaa barootaaf ijaarame caalmaatti gabbisuun murteessaa ta’uu dhaamaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoonis ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Iid Alfaxir Ayyaana nageenyaa, jaalalaa, fayyaa, tokkummaa fi gammachuu akka ta’u hawwaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Pireezidaantiin naannoo Gaambeellaa aadde Alamituu Umood ergaa hawwii gaarii dabarsaniiru.

Ayyaanicha tokkummaa fi waloominaan kabachuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Duudhaalee nageenyaa, waldanda’uu, waloomaa, kabajaa fi gaarummaa bifa caalmaatti gabbisuun akka kabajamu dhaamaniiru.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.