Piriimeer Liigii Ingilaandiin Maanchiister Yuunaayitiid yoo injifatamu, Cheelsiin qixa bahe
Finfinnee, Mudde 13, 2017 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 17ffaa har’a waaree booda taphatameen Maanchiister Yuunaayitiid yoo injifatamu, Cheelsiin qabxii qoodateera.
Boornimaawuuz galchii 3 fi 0n Maanchiisteer Yuunaayitiid, Woolviis galchii 3 fi 0n Leesiister Siitii yoo injifatan, Cheelsiin Eevartan waliin galchii malee qixa xumureera.
Akkasumas falmiin Fuulhaamii fi Saawuuz hampitan gidduutti taasiifame galchii malee xumurameera.
Piriimeer Liigichaan taphni halkan sa’aatii 1:30 eegalee Tootenhaam Liiverpuul waliin taasisu hawwiin eegama.
#Oromiyaa #Ethiopia