Fana: At a Speed of Life!

Piriimeer Liigii Ingilaandiin taphoonni tibba ayyaana Qillee har’aa eegaluun taphatamu

Finfinnee, Mudde 17, 2017 (FMC) – Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee18ffaan taphoonni tibba ayyaana Qillee har’aa eegaluun taphatamu.

Har’a waaree booda sa’aatii 9:30 eegalee taphni Maanchiister Siitiin Eevartan keessummeessu ni eegama.

Galgala sa’aatii 12:00 eegalee taphoonni 5 kan taphataman yoo ta’uu, Boornimaawuuz – Kiristaal Paalaas,Cheelsii – Fuulhaam, Niwuukaasiil Yuunaayitiid – Astoon Viilaa, Notingihaam Forest – Tootenhaam, Soowuuz hampitan – Weest Haam yoo keessummeessan halkan sa’aatii 2:30 eegalee falmiin Woolviis – Maanchiister Yuunaayitiid waliin taasiisu ni eegama.

Akkasumas halkan sa’aatii 5:00 eegalee dursaan Liigichaa Liiverpuul – Leesiister Siitii waliin falmiin taasisu xiyyeeffannoo argateera.

Boru halkan sa’aatii 4:30 eegalee Biraayitan – Bireentifoordi yoo keessummeessu, sa’aatii 5:15 jalqabee morkiin Arsenaal – Ipisiwiich Taawoon waliin taasiisu kan eegamu ta’uu ragaan fuula piriimeer liigichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.