Fana: At a Speed of Life!

Piriimeer Liigii Oromiyaan Leeqaan Dambi Doolloo injifate

Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Oromiyaa torbee 14ffaa har’a taphatameen Leeqaan magaalaa Dambi Doolloo injifateera.

Taphni har’a waaree dura sa’aatii 3:00 jalqabee taphatamuuf ture sababa haala qilleensaan sa’aatii 5:30 booda kan eegale yoo ta’u, falmiin kilaboota Lixa Oromiyaa laman gidduutti taphatame olaantummaa Leeqaan xumurameera.

Leeqaan galchii 2 fi 1n Magaalaa Dambi Doolloo injifateera.

Liigicha Gimbiin qabxii 24’n yoo dursu,Gullisoon qabxii 22’n sadarkaa 2ffaa fi Ginciin qabxii 20’n sadarkaa 3ffaa qabataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.