Fana: At a Speed of Life!

Piroof. Birhaanuu Naggaan hoggantootaa  Yuunivarsiitii Dambi Doolloo waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 28, 2017(FMC) – Ministirri Ministeera  Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan hoggantootaafi hawaasa Yuunivarsiitii Dambi Doolloo waliin mari’ataniiru.

Yuunivarsiitiiwwan ergama isaanii haalaan akka bahataniif ilaalcha gandummaafi dhiibbaa siyaasaarraa bilisa ta’uun  akka hojjetaniif hojjetamaa jiraachuu Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsaniiru.

Dhaabbileen barnootaa olaanoon eebbifamtoota naamuusa gaarii horatan kan oomishan akkasumas malaanmaltummaa kan balaaleffataniifi ittisan ta’uu qabu jechuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

Pireezidaantii Eeggataan Yuunivarsiitichaa Dooktar Taaddasaa Raggaasaan gamasaaniin, dhaabbaticha jijjiiruuf hoggansaafi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin waliigaluun gara hojiitti seenamuu eeraniiru.

Yuuniivarsiitiin Dambi Doolloo yuunivarsiitiiwwan jijjiiraan hoggansaa taasifameef keessaa tokko ta’uu kan ibsame yoo ta’u, hoggansi haaraan yuunivarsiitichi hojiilee qulqullina barnootaa mirkaneessan irratti xiyyeeffachuun akka hojjetu kallattiin kaa’ameera jedhame.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.