Piroojektii Bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 98 ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame
Finfinnee, Bitootessa 4, 2017 (FMC) – Naannoo Somaalee Godina Liibaan Aanaa Guraadaamooleetti Piroojektii Bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 98 ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’aameera.
Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittaafaa fi Hoggantoonni Mootummaa Federaalaa biroon sagantaa Dhagaa Bu’uuraa kaa’uu kanarratti argamaniiru.
Piroojektiin hunda galeessi kun wayita xumurame lammiilee kuma 32 ol fayyadamoo kan taasiisu ta’uu TOI gabaaseera.
Baatiwwan 21 keessatti ijaarsa isaa xumuruuf karoorfamuu ibsameera.
#Oromia #Ethiopia