Piroojektiin Bishaan dhugaatii qulqulluu Magaalaa Loogiyaa tajaajila kennuu eegale
Finfinnee, Amajjii 13, 2017 (FMC) – Piroojektiin Bishaan dhugaatii qulqulluu Magalaa Loogiyaa eebbifamuun tajaajila kennuu eegaleera.
Piroojektiin Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 80 oliin hojjetame kun hawaasa kuma 100 ol fayyadamoo Bishaan Dhugaatii qulqulluu taasiisa jedhame.
Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittafaa, Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaa fi Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Piroofeesar Iyyaasuu Eeliyaas piroojekticha eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia