Piroojektiin Qonni Itiyoophiyaa caalmaatti jijjiirama qabeenya qilleensaa akka dandamatu deeggaru ifoome
Finfinnee, Guraandhala 18, 2017 (FMC) – Piroojektiin Qonni Itiyoophiyaa caalmaatti jijjiirama qabeenya qilleensaa akka dandamatu deeggaru ifoomeera.
Piroojektichi deeggarsa maallaqaa Doolaara miiliyoona 7.2’n Ejensii Tumsa Idil Addunyaa Jaappaanirraa argameen karaa Dhaabbata nyaataa Addunyaan naannolee Itiyoophiyaa 4 keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsameera.
Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Shibaataa Hiiroonoorii, Itiyoophiyaatti bakka bu’aan Itti Gaafatamaa Ejensii Tumsa Idil Addunyaa Jaappaan Keensuukee Ooshiimaa fi Bakka Bu’aan Dhaabbata nyaataa Addunyaa Faraay Ziimuudziin waliigalticha mallatteessaniiru.
Piroojektichi kallattiin qonnaan bultoota fayyadamoo kan taasisu yoo ta’u,sirna qonnaa fooyyessuu, birmadummaa nyaataa mirkaneessuu fi dandeettii jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu cimsuuf kan oolu ta’uu TOI gabaaseera.