Piroojektiiwwan guguddoon bu’aawwan jijjiiramaa ta’an sadarkaa jireenyaa uummataa foyyessaa jiraachuun ibsame
Finfinnee, Bitootessa 23, 2017 (FMC) – Piroojektiiwwan misoomaa guguddoon ‘Bitootessaa hanga Bitootessaa’ hirmaannaa qindaa’aan bakkeewwan garaagaraatti ijaaraman sadarkaa jireenyaa uummataa foyyessaa jiraachuu Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee ibse.
Hojiileen guguddoon maqaa magaalichaafi biyyaa jijjiiran bu’aawwan jijjiiramaa hirmaannaa qindaa’aan ‘Bitootessaa hanga Bitootessaa’tti galmaa’an ta’uun ibsameera.
Hoggantoonni sadarkaan jiran, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, qaamoleen nageenyaafi kutaaleen hawaasaa garaagaraa piroojektoota misoomaa guguddoofi namarratti xiyyeeffatan kanneen waggoottan jijjiiramaa keessa ijaaraman daawwachaa jiraachuu eerameera.
Daawwannaan kun injifannoo olaanaaf kaka’umsa horachuuf kan dandeessisu ta’uu waajjirichi ibseera.