Fana: At a Speed of Life!

Piroojektoota Maddoota Anniisaa Haaromfamaa deeggaruuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Guraandhala 11, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan Piroojektoota Maddoota Anniisaa Haaroomfamaa deeggaruuf Ejensii Inshuraansii Daldalaa Afrikaa waliin waliigaltee mallatteessite.

Waliigaltichi Itiyoophiyaan invastimantiiwwan alaa gama Piroojektoota Maddoota Anniisaa Haaromfamaan hawwachuuf ce’umsa taasistu kan saffisiisu ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Itiyoophiyaa bakka bu’uun Waliigalticha kan mallatteessan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee ,waligaltichi faayidaa damee hedduu qabaachuu ibsan.

Piroojektiin Maddoota Anniisaa Haroomfamaa sochiin Invastimanti foyya’aa akka jiraatuuf deeggaras jedhaniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Ejensii Inshuraansii Daldala Afrikaa Maanu’eel Musee gamasaaniin, Mootummaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun biyyaatittii Misooma Damee Anniisaa Haaromfamaa deeggaruuf dhaabbanni isaanii waligalticha mallattessutti gammadu ibsaniiru.

Tumsi kun hanqina faayinaansii hir’suun olitti Itiyoophiyaatti Bu’uuraalee misooma Inarjiif invastimantii dabalataa uumuus kasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.