Poolisiin baga nuuf dhufe malee, maaf nutti dhufe jedhamuu hin qabu – Komishinar Dammallaash Gabramikaa’eel
Finfinnee, Amajjii 17, 2017(FMC) – Poolisiin baga nuuf dhufe malee, maaf nutti dhufe akka hin jedhamne lammiilee hunda loogii malee tajaajiluu akka qabu Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel ibsan.
Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel qondaaltoota Poolisii Federaalaa, Magaalaa Finfinnee, Dirre Dhawaa, Naannoo Kibba Lixaa, Giddugaleessa Itiyoophiyaa, Kibbaa fi Sidaamaa marsaa 6ffaaf Inispeektararraa gara Inispeektara Olaanaatti ce’an eebbisaniiru.
Poolisiin Itiyoophiyaa waggoottan jahan darban xiyyeeffannoo olaanaa mootummaan damichaaf kenneen dandamannaarratti kan argamu ta’uu eeraniiru.
Poolisiin baga nuuf malee, maaf nutti dhufe akka hin jedhamne lammiilee hunda loogii malee tajaajiluu akka qabu dubbachuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ethiopian