Poolisiin Federaalaa ergaa baga geessanii dabarse
Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) – Poolisiin Federaalaa ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.
Hordoftoota amantii Kiristaanaa maraan baga geessan jedheera.
Hordoftoonni amantichaa ayyaanicha nagaa fi gammachuun akka kabajaniif qaamolee nageenyaa biroo waliin qindoomuun magaalaa Finfinnee dabalatee naannoolee biyyattii hundatti qophiin barbaachisu xumuramuun gara hojiitti galamuu ibseera.
Uummanni wantoota gufuu ayyaanichaa ta’uu malan dhabamsiisuuf hojii nageenya kabajchiisuu hojjetamu keessatti gahee isaanii bahuu akka itti fufu, wantoota sodaa nageenyaa ta’uu danda’an yoo argu karaa sarara bilbilaa bilisaa 991 ykn karaa EFP app eeruu kennuun ga’ee lammummaa isaa akka ba’u waamicha dhiyeesseera.
Bu’aa uummataaf dursa kennuun maatii irraa fagaatanii ayyaanicha dirqama irratti kan dabarsan miseensota Poolisii fi Raayyaa Poolisii Itiyoophiyaa, Naannoolee fi Magaalotaa akkasumas humnoonni nageenyaa fi tasgabbii biroon baga ayyaana du’aa ka’uun isin ga’e jechuun ergaa baga geessanii dabarseera.
#Oromia #Ethiopia