Fana: At a Speed of Life!

Poop Firaansiis boqochuu hordofee Dooktar Abiy ergaa gaddaa dabarsan

Finfinnee, Ebla 13, 2017 (FMC) – Hangafti Phaaphaasii Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatoolikii Roomaa Poop Firaansiis addunyaa kanarraa du’aan boqochuu hordofee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa gaddaa dabarsaniiru.

Dooktar Abiy ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin gaddi guddaan itti dhagahamuu ibsuun, dhaloonni gaarummaa isaanii akka itti fufsiisu amantaa qabaachuu eeraniiru.

Poop Firaansiis dhibee Daranyoo Sombaa isaan mudateen yaalamaa turuun guyyaa har’aa dadhabbii addunyaa kanarraa boqochuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.