Fana: At a Speed of Life!

Qamadiin jal’isii bonee  lafa hektaara miiliyoona 1.6 irratti ga’e walitti qabameera – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Ebla 14, 2017(FMC) – Bara kana qamadii jal’isii bonee  misoome keessaa lafa hektaara miiliyoona 1.6 irraa sassaabbiif kan ga’e walitti qabamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Gama biraatiin arfaasaa kanatti oomisha kuntaala miiliyoona 98 oomishuuf hojjetamaa akka jiru ibseera.

Ministeera Qonnaatti Hoji Raawwachisaa Dursaan Misooma Midhaanii obbo Isaayyaas Lammaa, oomishaa fi oomishtummaa guddisuuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf qonnaan bultoonni arfaasaa, gannaa fi jal’isii boneen waggaa guutuu akka oomishaniif hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Lafa hinqotamiin ture misoomaatti galchuun hamma lafa sanyiidhaan uwwifamee dabaluu fi tekinoolioojii, galteewwan qonnaa fi sanyii filatamaa fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaan akka dabaluuf kan gargaaran ta’uus himaniiru.

Hojiiwwan qonnaa misooma jal’isii boneen eegalaman qonnaan bulaan waggaatti yeroo sadii akka oomishu dandeessisuun oomishni guddaan argamaa jiraachuus dubbataniiru.

Bara kana misooma jal’isii boneen oomishni kuntaala miliyoona 100 fi miliyoona 72 oomishuuf karoorfamee gara hojiittii seenamuus eeraniiru.

Hanga ammaatti lafti heektaarri miliyoona 3 fi kuma 500 sanyiidhaan uwwifamuu kan dubbatan obbo Isaayyaas, qamadiin  lafa heektaara miliyoona 1 fi kuma 600 irratti ga’e walitti qabamaa jiraachuus himan.

Gama biraatiin yeroon waqtii arfaasaa midhaan itti misoomu waan ta’eef  naannoolee qonna arfaasaa fayyadamanitti hojjiitti seenamuun ibsameera.

Qonna arfaasaa bara kanaanis lafa hektaara miliyoona 3 fi kuma 700 sanyiin uwwisuun midhaan kuntaala miliyoona 98 oomishuuf karoorfamuu eeranii, hanga ammaatti lafti hektaarri miliyoona 2  sanyiidhaan uwwifameera jedhan.

Yeroo qonna arfaasaa hafe keessattis qonnaan bultoonni lafa midhaan hinfacaafamiin sanyiidhaan uwwisuu fi  kan faca’e aramaa fi ilbiisota irraa eeguun hordofuu akka qaban hubachiisuu isaanii TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.