Fana: At a Speed of Life!

Qondaaltonni olaanoon Raayyaa Ittisaa Naayjeeriyaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Jilli qondaaltota olaanoo Raayyaa Ittisaa Naayjeeriyaa Meejer Jeneraal Daahiiruu Saanuusiin durfamu Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo daawwateera.

Daayrektara Olaanaa Itti aantuun bulchiinsichaa Asteer Daawwit, dhaabbatichi gama nageenya saayibarii Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojii teeknooloojiin, humna namaafi sirna hojimaataan hojjechaa jirurratti jilichaaf ibsa kennaniiru.

Itiyoophiyaan dhaabbata ammayyaa nageenya saayibariifi birmadummaa ishee eegsisuu dandeessisu ijaaruu akka dandeesse  jilichi ibseera.

Itiyoophiyaafi Naayjeeriyaan damee dippiloomaasiin biyyoota michummaa qaban ta’uufi damee nageenya saayibariinis waliin hojjechuu akka danda’an ibsameera.

Biyyoonni Afrikaa tumsa tarsiimawaa dhaabbilee nageenya saayibarii uumuun nageenya saayibarii ardii mirkaneessuuf hojjechuu akka qaban eeramuu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.