Fana: At a Speed of Life!

Qondaaltota Humna Qilleensaaf sirni Gulantaa kennuu gaggeeffame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2017 (FMC)- Miseensota Humna Qilleensaa bara 2017 hojii isaaniin raawwii olaanaa galmeessan 697’f sirni gulantaa kennuu gaggeeffameera.

Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan Gulanticha kennaniiru.

Haaluma kanaan Qondaaltota olaanoof, gulantaa Ajajaa Kumaalaa, Letenaal Koloneel akkasumas Koloneelaa guutuu kennaniiru.

Sirni gulantaa kennuu kunis Guyyaa yaadanno Injifannoo Adwaa
sababeeffachuun dorgommii Ispoortii dorgomamaa jiruun maddiitti ta’uun eerameera.

Qondaaltoni gulantaan kennameefis ulaagaa kanneen guutaanii fi ga’umsi hooggansa isaanii kan mirkanaa’e ta’uu qindeessaan Istaafii Humna Qilleensaa Birgaader jeneraal Abbabaa Takkaan dubbataniiru.

Gama biraatiin hojiin Istuudiyoo Humna Qilleensaa, haroo namtolchee, horsiisa qurxummii fi bakka bashannanaa eegalchifamuun beekameera.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.