Qonna gannaan lafa heektara miiliyoona 10 fi kuma 800 ol misoomsuuf karoorfamuun ibsame
Finfinnee, Ebla 20, 2017 (FMC) – Qonna gannaa bara Oomisha 2017/18tiin lafa heektara miiliyoona 10 fi kuma 800 fi kuma 49 ol misoomsuuf karoorfamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Haaluma kanaan qophiin lafaa makaanaayizeeshiniin deeggarame Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa fi Booraatti guyyaa har’aa eegaluu ragaan BQO irra argame ni mul’isa.
Akka oromiyaatti qonna gannaan lafa heektara miiliyoona 10 fi kuma 800 fi kuma 49 ol misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 58 fi kuma 600 ol argachuuf karoorfamuun eerameera.