Qonnaan Bulaa Oomisha qamadiin Abbaa qabeenya miiliyoonootaa ta’an
Finfinnee, Amajjii 15, 2017 (FMC) – Obbo Fayyisaa Buttaan jiraataa Godina Arsii Aanaa Heexoosaa ganda Guchii Abbee Badoosaati.
Waggaa 10 dura Obbo Fayyisaan sangaa tokkon lafa heektaara muraasa qotuun jireenya harkaa gara afaanii jiraataa turan.
Adeemsa keessa xiyyeffannoo misooma qonnaaf mootummaan kenneen, isaanis deeggarsa galteewwanii fi ogummaa argataniin garbuu, qamadiifi kanneen biroo irratti xiyyeeffachuun oomishaa turuu kaasu.
wagggoottan jijjiramaa as xiyyeeffannoon mootummaan misooma qamadiif kennee hojjetaa jiru mana Obbo Fayyisaas qaqqabe.
Obbo Fayyisaan deeggarsa ogummaafi kanneen biroo argataniin oomisha qamadiirratti xiyyeeffachuun waggaa gara waggaatti jijjiirramaa dhufan.
Bara oomishaa 2016/17ttis lafa heektaara 20 ol qotanirraa callaa kuntaala 600 argatan.
Har’a Obbo Fayyisaan waliigala qabeenya Birrii miiliyoona 60tti tilmaamamu horataniiru.
Namoota 9’f ammoo carraa hojii dhaabbiin uumaniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.