Qonni magaalaa madda carraa hojii ta’uun alatti kaapitaala guddaa uumaa jira – Dooktar Biqilaa Hurrisaa
Finfinnee, Ebla 15, 2017 (FMC) – Itti Gaafatamaan Damee Qunamtii uummataa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan magaalaa Baatuutti oomishaalee Timaatimaa, Muuzii fi Paappaayaa daawwataniiru.
Qonni magaalaa babal’achaa dhufuun fedhiiwwan dhiheessii bu’uuraa magaalootaa fooyyeessuu isaatiin alatti kaapitaala guddaa uumaa jiraachuu kaasaniiru.
Kaapitaala guddaa uumuun galmawwan misooma magaalaatiif karoorfaman dhugoomsaa jiraachuus himaniiru.
Oomishaaleen timaatimaa, Muuzii fi paappaayyaan magaalichatti oomishamaa jiru Finfinnee dabalatee magaaloota biroof dhiyaachaa jiraachuun ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.