Qophiilee ayyaana hundeeffamaa Poolisii Federaalaaf uummanni akka tumsu gaafatame
Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) – Guyyaan hundeeffama Komishinii Poolisii Federalaa waggaan116ffaan Ebla 19 hanga 26/2017tti akka kabajamus ibsame.
Dubbii himaan Komishinichaa Gargaaraan Komiishinaraa Mogas Chakkol ayyaanicha ilaalchisanii ibsa kennaniin, sagantichaan barreeffamoonni fi simpooziyamiin seenaa dhufaatii Poolisii Itiyoophiyaa fi hojiiwwan riifoormii poolisii baroota darbanii ilaallatan akka dhiyaatan himaniiru.
Dorgommiin Ispoortii miseensota poolisii biyyoota Baha Afrikaa 7 hirmaachisus saganticharratti akka geggeeffamu eeraniiru.
Hoggantoonni fi bakka bu’oonni Poolisii biyyoota alaa kan irratti hirmaatan agarsiisni loltummaa adda addaa bakka keessummoonni hedduun argamanitti Ebla 26/2017 Addabaabayii Masqalaatti kan dhiyaatu ta’uu dubbataniiru.
Ayyaanicha ilaalchisuun qophiiwwan qophaa’amaniif uummanni waan barbaachisu hundaan akka tumsu waamichas dhiyeessaniiru.
Yismaawu Adaraatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia