Fana: At a Speed of Life!

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira- Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Ebla 22, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuunii fi gahumsa barsiisotaa guddisuun  qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsan.

Yaa’iin Innooveeshinii Afrikaa 2025 guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture guyyaa har’aa xumurameera.

Yaa’ichaan dhimmoota barnoota, innooveeshiniifi teeknooloojii, carraa hojii uumuufi riifoormii istaartaappii, ijaarsa dandeettiifi tumsa tarsiimawaa uumuun haala danda’amurratti mari’atameera.

Piroofeesar Birhaanuu Naggaan cufiinsa sagantaa kanaarratti akka jedhanitti, yaa’ichaan qulqullina barnootaa fooyyessuuf ijaarsa bu’uuraalee misoomaafi gahumsa barsiisotaa irratti mariin bu’a qabeessi mari’atameera.

Yaadonni yaa’ichaan ka’an dandeettii barsiisotaa gabbisuufi sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuuf ooluu qabu jedhan.

Afrikaatti sirna barnootaa daa’immanii qulqullina qabuufi waaraa ijaaruuf teeknooloojii diiijitaalaa irratti karoorri yeroo gabaabaafi dheeraa jiraachuun akka barbaachisu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Itiyoophiyaan qulqullina barnootaa fooyyessuuf ijaarsa bu’uuraalee misoomaa barnootaafi dandeettii barsiisotaa irratti hojii qabatamaa eegalteetti.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.