Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin galmaa’e karoorri guddina diinagdee % 8.4 galmeessuuf qabame milkaa’uu akka danda’u agarsiiftuudha jedhame

Finfinnee, Ebla 4, 2017 (FMC) – Raawwiin baatiwwan salgan darban dameewwan diinagdee gooroon galmaa’e karoorri guddina diinagdee % 8.4 galmeessuuf qabame milkaa’uu akka danda’u agarsiiftuu ta’uu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan ibsan.

Gamaaggamni raawwii karoora hojii baatiwwan salgan darbanii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka argamanitti eegalameera.

Raawwiin karoora hojii Diinagdee Gooroo dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Baatiwwan salgan darban dameewwan Diinagdee Gooroon milkaa’inni galmaa’uu Dooktar Fitsuum gabaasa dhiyeessaniin ibsaniiru.

Kunis guddina diinagdee % 8.4 galmeessuuf karoorri qabame milkaa’uu akka danda’u agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru.

Fooyyeessi imaamnata diinagdee gooroo karaa guutuun hojiirra ooluun guddina diinagdee galmeessurra darbee jijjiirama Liqaa Alaa Doolaara biiliyoona 3.5 fideera jedhan.

Mootummaan baatiwwan salgan darban keessa liqaa tokkooyyuu Baanki Biyyaalessaarra kan hin liqeeffanne ta’uu kaasaniiru.

Kunis qaala’insa gatii tasgabbeessuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.