Fana: At a Speed of Life!

Raayyaa Cimaan ijaarameera – Injinar Ayishaa Mohaammad

Finfinnee, Amajjii 17, 2017(FMC) – Raayyaa cimaan aantummaa biyyaa fi ummataa qabuu fi ga’umsa olaanaan dirqama isaa bahachuu danda’u ijaaramuu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mohaammad ibsan.

Ministirri Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mohaammad dandeettii dhaabbatummaa ijaaruuf tarkaanfilee jijjiiramaa as fudhatamaniii fi bu’aalee argaman ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Raayyaan Ittisaa dhaabbata cimaa akka ta’uu akkasumas gurmaa’insa haala naannoo fi idil-addunnyaa giddugaleessa godhate akka qabaatuuf riifoormii hedduun gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gurmaa’insi raayyichaa Sabdaneessummaa kan bu’uureffate, dandeettii teeknooloojii olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Raayyichi bakka jirutti hojiilee misoomaa fi tola ooltummaa irratti hirmaachuun aantuummaa uummataaf qabu qabatamaan kan argisiise ta’uus himaniiru.

Indaastiriiwwan Raayyaa Ittisaa kufaatii keessa turan haaromsaa as gara oomishtummaa fi bu’aa qabeessummaatti ce’uu eeran.

Gama qorannoo fi qo’annootiinis dhaabbilee raayyichaa keessatti qorannoowwan rakkoo furuu irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa akka jiru kan himan Injinat Ayishaan kunis bu’aa qabatamaa fiduu ibsaniiru.

Gama hariiroo alaatiin biyyoota adda addaa waliin waliigalteewwan mallattaa’aa jiraachuu fi hojii leenjii fi ijaarsa dandeettii irratti tumsaann hojjetamaa akka jirus eeraniiru.

Keessattuu, biyyoota ollaa dabalatee hooggantoonni waraanaa biyyoota Afrikaa adda addaa irraa muuxannoo fi ogummaa bal’inaan waliif qoodamuu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.