Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan biyyaaleessaa kaayyoo isaa hubate ijaarameera-Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) – Raayyaan biyyaaleessaa gama hundaan of gahoomsee fi kaayyoo isaa sirnaan hubate ijaaramuu Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Raayyaa Ittisaa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.

Fiild Maarshaal Birhaanuun Hoggantoota Olaanoo Raayyaa ittisa Biyyaa waliin marii gaggeessaniiru.

Fiildi Maarshaal Birhaanuun wayita kanatti, jijiirama biyyaaleessaa hordofee riifoormii dhaabbatichatti hojirra ooleen bu’aalee galmeessisuuf haalonni mijachuu kaasaniiru.

Biyyattiin seenaa ishee keessatti waraana ogummaa fi sadarkaa qulqullinaa akkanaan ijaartee kan hin beekne ta’uu himuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Injifannoowwan argamaniin osoo hin booniin, injifannoowwan hundagalessa cimsaanii itti fufsisuu fi bu’aa caalu galmeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Akkasumas hidhattoonni kuma 10 ol dogogoraan bosona seenanii turan, karaa nagaa filachuun raayyaa ittisa biyyaatti harka kennachuus himaniiru.

Finxaaleeyyiin bakkewwan garaagaraa keessaa socho’an yeroo kamuu caalaa dadhabuu isaanii ibsuun, kanneen waamicha nageenyaa hin fudhanneeratti tarkaanffiin fudhatamaa jiraachuu dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.