Rakkoolee Afrikaatiif furmaanni Afrikaanotaan akka argamuuf tumsa barbaachisa jedhame
Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FBC)-Rakkoolee Afrikaatiif furmaatni Afrikaanotaan akka argamuuf sadarkaa ardiitti tumsa waloo akka barbaachisu Ministirri Hariiroo Idil Addunyaa Bootiswaanaa Doktar Feeniyoo Butaalee ibsan.
Walga’iin idilee 46ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa guyyaa 2ffaaf har’a gaggeeffamaa ooleera.
Walgahicharratti Ministirri Hariiroo Idil Addunyaa Bootiswaanaa Doktar Feeniyoo Butaaleen, Afrikaanonni yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa isaanii cimsuu akka qaban hubachiisan.
Carraalee Naannawaa Daldala bilisaa Afrikaatti fayyadamuun Afrikaanonni walitti daldalachuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.
Rakkoolee ardii kanaaf furmaata Afrikaa argachuuf biyyoonni tumsa isaanii cimsuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Afrikaan qabeenya qabeenya kuufamaa hedduu qabdurraa fayyadamuuf sadarakaa ardiitti carraaqqii barbaachisa jedhaniiru.
Keessumaa daldalaa alaaf oomishaalee oolanitti sonni dabaluu dandeetti alergii guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Nageenya waaraa, tasgabbii fi misooma Afrikaa mirkaneessuuf hojiin waliinii akka barbaachisus ministirichi ibsaniiru.
Mootummaan Bootswaanaa waldhabdee mariidhaan hiikuurratti muuxannoo qabaachuu eeranii, ibsanii, Afrikaa fi addunyaarratti aadaa rakkoolee karaa nagaa fi mariin furuu cimsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Itiyoophiyaa fi Bootiswaanaan hariiroo gaarii akka qaban kan ibsan Doktar Feeniyoon, hariiroo jiru sadarkaa caalutti guddisuuf Bootiswaanaan fedhii akka qabdu hubachiisuu TOI’tu gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia