Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee yeroo walgargaaruun cehaa misooma waaraaf hojjechuun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessina- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Ebla12, 2017 (FMC) – Rakkoolee yeroo walgargaaruun cehaa misooma waaraaf hojjechuun badhaadhina Itiyoophiyaa ni mirkaneessina jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun Giddugaloota Nyaataa Tsfaa Birhaan 25ffaafi 26ffaa tajaajila eegalchiisuu ibsaniiru.

Bara 2014 irraa eegalee lammiilee guyyaatti si’a tokko nyaachuun itti ulfaatuuf Giddugaloota Nyaataa 24 banuun namoota harka qalleeyyii nyaata qulqulluu, fayyaalessaafi ho’aa nyaachisaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Ayyaana Yaadannnoo Du’aa Ka’uu sababeeffachuun Kutaa Magaalaa Eekkaa naannoo Guraaraatti Giddugala Nyaataa 25ffaafi Kutaa Magaalaa Boolee naannoo Boolee Mikaa’elitti Giddugala Nyaataa 26ffaa banuun tajaajila eegalchiisneerra jedhan.

Qaamolee giddugala nyaataa 25ffaa ijaarsisan Waldaa Aksiyoonaa Ayaatiifi Komishinii Gumruukaa galateeffataniiru.

Rakkoolee keenya yeroo waldeeggaruun cehaa misooma waaraa keenyaaf hojjechuun badhaadhina Itiyoophiyaa ni mirkaneessina jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.