Reeshoon Liqaan Alaa GDP waliin qabu gara % 13.7tti gadi bu’uu ibsame
Finfinnee, Ebla 4, 2017 (FMC) – Fooyyessi Imaammata Sharafa alaa hojiirra ooluun sharafni alaa galu akka dabalu taasisuun kuufamni sharafa alaa akka guddatu dandeessisuu ibsameera.
Gamaaggamni raawwii karoora hojii baatiwwan salgan darbanii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka argamanitti eegalameera.
Raawwiin hojii Diinagdee Gooroo dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Fooyyessi Diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa guddina qusannoo fi Invastimantii agarsiisuu himameera.
Reeshoon Liqaan Alaa Guddina Qabeenya Diinagee Biyyaalessaa (GDP) waliin qabu gara % 13.7tti gadi bu’uu ibsameera.
Galiin Daldalaa Alaa damee Qonnaa, Albuudaa, Indaastitrii fi Elektirikaa kan bara darbeen yoo madaalame guddina agarsiisera jedhame.
Ijaarsi Piroojektii Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa % 98.66 irra gahuu fi Yuuniwwan 6 hojii eegaluun gamaaggamichaan ibsameera.
#Oromia #Ityoophiyaa