Riifoormii jijjiiramaan booda hojiirra ooleen daataan miiliyoonni 20 ol dijiitaaleffamuun ibsame
Finfinnee, Bitootessa 22, 2017 (FMC) – Riifoormii jijjiiramaan booda hojiirra ooleen daataan miiliyoonni 20 ol dijiitaaleffamuu Abbaan Taayitaa Quunnamtii fi Odeeffannoo Oromiyaa beeksise.
Waggoottan ja’an darban jijjiiramaan booda riifoormiiwwan hojiirra oolan keessa bu’aawwan argaman ilaalchisuun Itti Aanaan Daayrekteera Olaanaafi Hogganaa Damee Teeknolojii Qunnamtiifi Odeeffannoo Oromiyaa Abbaa Taayitichaa Injiiner Jimaa Tulluu ibsa kennaniiru.
Hojii saayinsiifi teeknoloojii naannichaan misooma hunda tumsuuf hojjetamaa jira jedhan.
Walitti hidhamiinsi tajaajila neetworkii hanga gandaatti diriiree jiruunis uwwisni isaa duraaan 36 qofa ture yeroo ammaa gara kuma 3tti guddachuu dubbataniiru.
Qabeenya guddaa diinagdeefi siyaasaa kan ta’e sirna qabiinsaafi kuusaa Daataa ammayyeessuun walqabatee diijital daatan faayilonni miiliyoona 20 ol dijiitaalatti deebi’uu kaasuun, tajaajiloonni 300 ol taanis tuttuqqaa namaa irraa karaa bilisa ta’een online kennamaa jiraachuu eeraniiru.
Godinaalee 7 irratti “Digital library fi Science Cafe”n hundaa’ee akka jiruufi xumura bara 2017tti gara godina 12tti akka guddatu dubbataniiru.
Qaamni hundi dammaqinaan baratee teeknoloojiitti madaquun hojiisaa guyyaa guyyaa saffisiisuuf akka hubannoo argachuu qabus Injiiner Jimaan dhaamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia