Fana: At a Speed of Life!

Riifoormiin dhaabbatummaa gamtichaa jijjirama bu’uuraa haala fiduun gaggeeffamaa jira-Muusaa Faakii Mahaammat

Finfinnee, Guraandhala 5, 2017 (FMC)- Riifoormiin dhaabbatummaa gamtichaa jijjirama bu’uuraa haala fiduun gaggeeffamaa jiraachuu Dura Ta’aan Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat ibsan.

Walga’ii Idileen 46ffaa Manaa Maree Hoji Raawwachiistuu Gamtaa Afrikaa gaggeeffamaa jira.

Muusaa Faakii Mahaammat walga’icharratti bara hojii isaaniitti dameelee qonnaa fi hawaasummaan hojiileen tokkummaa Afrikaa cimsan gaggeeffamuu ibsaniiru.

Riifoormiin dhaabbatummaa Gamtaa Afrikaas jijjiirama bu’uuraa haala fiduun gaggeeffamaa jiraachuu dubbachuu TOI gabaaseera.

Gama biraatiin, nageenyii fi tasgabbiin Ardichaa ammallee xiyyeeffannaa akka barbaadu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.