Fana: At a Speed of Life!

Sa’a Doolaara miiliyoona 4.8tti gurguramte

Finfinnee, Guraandhala 7, 2017 (FMC) – Biraaziilitti Sa’i tokko Doolaara miiliyoona 4.8tti gurguramuun riikardii addunyaarratti galmoofte.

Sa’attiin kun Kiiloogiraama kuma 1 fi 101 kan ulfaattu yoo ta’u, moggaasa maqaa ‘Viiyaatiinaa –19’ jedhamu kennameefira.

Sa’i umrii baatiwwan 53 kun Biraaziilitti sa’a daraan gatii qaalii jedhamte.

Bifaa fi amala addaa qabaachuun ishee Indaastirii horsiisa loonii keessattii akkaan akka barbaaddamu ishee taasiseera jedhame.

Viiyaatiinaa –19’n gurmaa’insa qaamaa, sanyii addaa fi ga’umsa qaamaa olaanaa qabdi jedhameera.

Dandeettiin Dhibee dandamachuu ishee adda ta’uu hordofee Indaastirii Horsiisa Loonii Biraaziil keessatti gatii olaanaa akka qabaattu ishee taasiisuu ‘Money Control’ gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.