Fana: At a Speed of Life!

Sababoonni walitti bu’iinsaa tokkummaa laaffisuu danda’an furamuu qabu jedhame

Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Ministeerri Nageenyaa raawwii karoora hojii baatiwwan saglan darbanii qorateera.

Dandeettii Riifoormii dhaabbatummaa guddisuun nageenya waaressuu, seenessa waloo bu’uureessuu, walitti bu’iinsa dursanii ittisuu, sirna federaalaa fi hariiroo mootummaa cimsuun walqabatee bu’aalee hedduun argamuu Ministirri Ministeera Nageenyaa Mahaammad Idriis ibsaniiru.

Hojiin mootummaa sabdaaneessaa ijaaruu xumuramuu dhabuun rakkoo guddaa biyyaa ta’uu Waajjira Paartii Badhaadhinaatti Itti Gaafatamaan damee giddugala ijaarsa sirna diimookiraasii obbo Fiqaaduu Tasammaan ibsaniiru.

Hojiileen Diinagdee Gooroorratti hojjetamaa jiru rakkoolee hedduuf furmaata ta’uu akka danda’u kaasaniiru.

Sababoota walitti bu’iinsaa tokkummaa laaffisuu danda’an adda baasuun namuusa cimaan furuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu ibsameera.

Seenessa waloorratti xiyyeeffachuun murteessaa ta’uu himamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.