Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuuwwan biiliyoona 6 ol qophaa’uun ibsame

Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) –Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2017’f hanga ammaatti biqiltuuwwan gosa garaagaraa biiliyoonni 6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Sagantaa ashaaraa magariisaa waggoottan jahan darbaniin biqiltuuwwan biiliyoonni 40 ol dhaabachuu Ministeerichatti Dursaan Garee Itti Fayyadamaa fi Eegumsa qabeenya Uumamaa Obbo Faanos Mokonniin ibsaniiru.

Kanaanis uwwisni bosonaa biyyaalessaa %17.2 gara %23.6 ol guddachuu himaniiru.

Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii hirmaannaa hawaasaan raawwataman bu’aa gaarii argamsisuu ibsaniiru.

Hawaasni kuduraalee misoomsuun wabii nyaataa isaa akka mirkaneeffatuuf gahee olaanaa bahachaa jiraachuus kaasaniiru.

Bara kanaas biqiltuuwwan biiliyoona 7.5 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti biqiltuuwwan biiliyoona 6 ol qophaa’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.