Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuun biliyoona 1.4 qophaa’uun ibsame
Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)- Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2017’f kan oolu biqiltuun biliyoona 1.4 qophaa’uun ibsame.
Naannoo Oromiyaatti Qonna Gannaan lafa heektaara miliyoona 11.6 misoome irraa hanga ammaatti callaa kuntaalli miliyoona 300 fi miiliyoonni 27 kan argame ta’uu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Gabaasa hojii baatiiwwan ja’an darbanii Caffeef dhiyeessaniin ibsaniiru.
Naannichatti Bara oomishaa 2016/17 keessatti qonna arfaasaan lafa hektaara miliyoona 1.5 midhaan gosa adda addaatiin uwwifamee irraa oomishni kuntaalli miliyoona 32.2 kan argamuu himan.
Qonna Gannaatiinis lafa hektaara miliyoona 11.6 ta’u irraa hanaga ammaatti callaa kuntaalli miliyoona 300 fi miliyoona 27 walitti qabamuu ibsaniiru.
Wabii midhaan nyaataa mirkanneessuu irra darbee oomisha alaa galuu hir’isuu fi al ergee dabaluun keesatti hojiilee hojjetamaniin inisheetivii qamadii bonaan hanga ammaatti lafti hektaarr miliyoona 2.9 sanyiin uwwifameera jedhan.
Dabalataan, inisheetivii Ashaaraa Magariisaa hojjetamaa jiruun bu’aaleen hedduun kan galmaa’an yoo ta’u dhaabbii biqiltuu bara 2017’f kan oolu biqiltuun biliyoona1.4 qophaa’uu ibsaniiru.
Baayiluu Baanee fi Daagmaawwii Deeksisaatu gabaase
#Oromia #Ethiopia