Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Afxiraa guddaan daandirraa fi Dorgommiin Qura’aanaa gaggeeffamuufi

Finfinnee, Bitootessa 4, 2017 (FMC) – Sagantaan Afxiraa guddaan daandirraa fi Dorgommiin Qura’aanaa Dilbata dhufu Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa beeksise.

Dorgommiin idil addunyaa Qura’aanaa fi sagantaan Afxiraa guddaan kun Finfinnee Addababaayii Masqalaatti gaggeeffama jedhame.

Dorgommiin Qura’aanaa kun mata duree ‘Qura’aana madda Nageenyaa fi beekumsaa’ jedhuun dorgomama.

Qura’aanni damee hundaan jireenya namaa daandii sirriin dursuun olka’iinsa hawaasaaf bu’uura ta’uu danda’eera jedhan Pireezidaantii Itti Aanaan Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Ustaaz Abbubakar Ahimad.

Dorgommichis kabajaa fi olka’iinsa Qura’aanaa ibsuuf kan qophaa’e ta’uu kaasaniiru.

Sagantaan Afxiraa guddaan daandirraa hordoftoota amantichaa hedduu hirmaachisus kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.