Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Afxiraa tokkummaa fi walummaa ummataa cimsa – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Sagantaan Afxiraa tokkummaa fi walummaa ummataa akka cimsu Pireezidaantii Itti Aanaan mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin ibsan.

Obbo Awwaluu Abdiin sagantaa Afxiraa magaalaa Asallaatti gaggeefame irraatti argamuun ergaa dabarsaniin sagantaan Afxiraa tokkummaa, walummaa fi jalaalaa hawaasaa kan cimsuudha jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa walqixxummaan amantaa akka cimuu fi hawaasa gidduutti wal danda’uu fi hariiroo gaariin akka jiraatuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Tokkummaa fi jalaallii sagantaa Afxiraa kanarratti mul’ate kun hojiiwwaan misooma fi nageenya irraattis hojiirra ooluu akka qabu dhaamaniiru.

Midhaksa Qachaa fi Faxxanaa Zawudee

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.