Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan EBS “Addis Mi’iraaf “ tamsaasarraa dhorkamee akka turu murtaa’e

Finfinnee, Bitootessa 23, 2017 (FMC) – Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Sagantaan EBS “Addis Mi’iraaf “ tamsaasarraa dhorkamee akka turu murteessera.

Abbaan Taayitichaa Sagantaa Dilbata Bitootessa 14, 2017 tamsa’ee turee labsii miidiyaa fi seera dambichaan gamaaggamuun tarkaanffii bulchiinsa fudhachuu ibseera.

Haaluma kanaan sagantichi odeeffannoo sobarratti kan hundaa’e, ummata kan Burjaajesse fi shakkii uume, labsii miidiyaalee 1238/2013, Labsii haasawa jibiinsaa ittisuuf fooyya’e bahe 1185/2012 akkasumas namuusa Gaazexeessummaa bahe fi namuusa gaazeexeesummaa idilee kan cabse ta’ee argamuu ibseera.

Buufatichi saganticharratti gaafatame deebii kennuu isaan sagantaan tamsaase odeeffannoo sobaa ta’uu amanuu mirkaneessuu ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni mul’isa.

Abbaan taayitichaa dhimmicha qoratee hanga sirreeffamni barbaachisaan kennamutti sagantaan ‘Addis Mi’iraaf’ EBS irratti tamsa’u akka addaan citu murteessuu fi xalayaa akeekachiisaa kennuu ibseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.