Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Diijitaala Biyyaalessaa Appilikeeshinii haaraa ifoomse

Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FMC) – Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Diijitaala Biyyaalessaa Moosaajii Moobaayilaa Faayidaa Diijitaal haaraa ifoomseera.

Appilikeeshiniin kun tajaajiloota waraqaa eenyummaa kennaman hunda iddoo tokkotti kan haammate, salphaa, si’ataa fi itti fayyadamaaf mijataadha jedhame.

Moosaajiin moobaayilaa kun komii maamiltootaa hatattamaan furuuf akkasumas waliin gahiinsa eenyummeessaa diijitaalaa guddisuuf kan gargaaru ta’uus himameera.

Moosaajiin kun adeemsaalee hedduu darbuun Tajaajila Nageenya Odeeffannooraa beekamtii argachuun gara hojiitti galuu eerameera.

Waraqaa eenyumaa Faayidaa Diijitaalaa bifa Kaardiin maxxansuun qabachuuf, Maxxansa Kaardii, Yaadaa fi komii dhiyeessuuf, akkasumas tajaajila maamiltootaaf daraan salphaa ta’uu Waajjira Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Diijitaalaa Biyyaalessaatti Itti Gaafatamaan Kominikeeshinii fi Hariiroo Ummataa Abeeneezar Fallaqaan ibsaniiru.

Appiliikeeshinii kana ‘App Store fi Play Store’ irraa buufachuun fayyadamuun kan danda’amu ta’uu eeraniiru.

Hanga ammaatti lammiileen miiliyoonni 12 ol WaraqaaEenyummaa Diijitaalaa fudhachuuf galmaa’uu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.