Sagantichaan dargaggoonni carraan hojii uumameef kuma 13 fi 500 ol eebbifaman
Finfinnee, Guraandhala 11, 2017 (FMC)- Finfinneetti Marsaa 2ffaa sagantaa “Ga’umsa shaakala hojiirraa dargaggootaan” dargaggoota carraan hojii umameef kuma 13 fi 527 eebbifamuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeeben ibsan.
Sagantichaan dargaggoonni kutaalee magaalatti hundarraa leenjii gochaan deeggarame akka argataan taasifamaa akka jiran himanii, kunis dargaggoonni dameewwan hundaan fayyadamtoota akka ta’aniif tarsiimoo eegalaman keessa tokko ta’uu Aadde Adaanecha gama miidiyaa hawaasumma isaaniin ibsaniiru.
Ogummaa dargaggootaa magaalattii shaakala gochan deeggarame qofaan kan ga’oomu waan hintaaneef, gara hojiitti wayita seenaan akka of ga’oomsan, hojii filachuu fi qoollifachuu keessaa ba’uun aadaa hojii cimaa gabbifachuun carraalee hojii umamanitti guutummatti akka fayyadaman imaanaa jedhaniiru.
Fuulduratti dargaggootaa magaalattii kuma 15 fayyadamtoota kan taasisu marsaan 3ffaa sagantichaa har’aa eegaluu fi daraggoonni magaalattis carraa kanatti akka fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru.
Sagantichaaf deeggarsa maallaqaa kan taasise Baankii Addunyaa dabalatee, leenjichi akka milkaa’uuf kan gumaachan Ministeera Hojii fi Ogummaa, Biiroo Carraa Hojii fi Ogumma magaalattii, abbootii qabeenyaa galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia