Seenessi waloon duudhaan walummaa fi eenyummaa akka babal’atu gargaara – Diyaaqoon Daani’eel Kibrat
Finfinnee, Bitootessa 16, 2017 (FMC) – Seenessi waloon duudhaan walummaa fi eenyummaa akka babal’atu kan gargaaru ta’uu Gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Diyaaqoon Daani’eel Kibrat ibsan.
Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti leenjiin mata duree ‘Miidiyaa fi Kominikeeshinii bu’aa qabeessa seenessa waloof’ jedhuun hoggantoota miidiyaa fi Kominikeeshiniif kennamaa jira.
Seenessi waloon eegeree Itiyoophiyaaf abdii ta’uu fi taateewwan har’a uumaman kan ittiin madaalamu ta’uu Daani’eel Kibrat himaniiru.
Duudhaan Walummaa fi eenyummaa akka cimu kan tumsu ta’uu kaasaniiru.
Tokkummaa fi obbolummaa caalmaatti cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu dubbatan.
Seenessi waloon carraa biyyattii gara fuulduraaf murteessaa ta’uu isaan miidiyaa fi Kominikeeshiniin damicha jabeessuun walummaa ummattootaa fi duudhaa gaarii caalmaatti guddisuuf hojjechuu qabu jedhan.
#Oromia #Ethiopia