Fana: At a Speed of Life!

Seep Bilaatarii fi Miisheel Pilaatiniin yakka ittiin himatamanirraa bilisa jedhaman

Finfinnee, Bitootessa 16, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin duraanii FIFA Seep Bilaatarii fi Pireezidaantiin Duraanii Waldaa Kubbaa Miilaa Gamtaa Awurooppaa Miisheel Pilaatiniin yakka ittiin himatamanirraa bilisa jedhamuun ibsame.
Qondaaltonni Kubbaa miilaa duraanii kunneen bara faranjoota 2011 doolara miiliyoona 2 waliin dhahaniiru jedhamuun himatamuun kan yaadatamuu yoo ta’u, Manni Murtii Siwiizaarlaandi yakka himatamanirraa irra deebiin bilisa jechuun gaggeessuu ‘France 24’ gabaaseera.
Maanguddoo umurii waggaa 89 Seep Bilaatarii fi kan umurii waggaa 69 Miisheel Pilaatiniin waggoottan darbanis yakka ittiin himatamaniirraa irra deeddeebiin bilisa jedhamaa tureera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.