Shaakalliin Baallii Dabarsaa bu’uura eenyummaa, icciitii tokkummaafi hidda guddummaa keenyaati- Pireez. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Guraandhala 30, 2017(FMC)- Shaakalliin Baallii Dabarsaa bu’uura eenyummaa, icciitii tokkummaafi hidda guddummaa keenyaati jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Guutuun Ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.
Handhuura Boranaa, Areeroo Gooroo, Arda Jilaa Badhaasaatti, isin gidduutti argamuun sirna Baallii Dabarsaa Gadaa Booranaa marroo 72’ssoo irratti hirmaachuu kiyyaan gammachuu daangaa hinqabnetu natti dhagahame.
Ummata Oromoo akkasumas ummattoota biyya keenyaa maraan baga nagaan geessan, baga nagaan geenye jechuun barbaada. Akkasumas hirmaattota guyyaa har’aa Oromiyaa, Itoophiyaa, Gaanfa Afrikaa akkasumas idil-addunyaa irraa sirna walharkaa fuudhinsa aangoo kana irratti hirmaachuuf Arda Jilaa Badhaasaatti argamtan maraan baga gammaddan jechuun barbaada.
Shaakalliin Baallii Dabarsaa seenaa dheeraafi hiika guddaa qabu kun, gama tokkoon bu’uura eenyummaa, icciitii tokkummaafi hidda guddummaa keenyaa yoota’u, gama birootin ragaa ogummaa (wisdom) abbootifi hadholii keenyaa bara baraati.
Wiirtuun eenyummaa keenyaa kun baroota hedduuf qoqqobbii sirnootatiin moggeeffamee turuun yaadannoo yeroo dhiyooti.
Haata’uutii, sababa ummanni keenya aadaa isaa irratti cicheefi sirnichi yabbuu ta’eef akka salphaatti haqamuu hindandeenye. Sirna kana itti cichee tiksuu irratti ummanni Boranaa adda dureedha. Boranni guddaa, Boranni hangafa, Boranni kallacha.
Ummanni Boranaa ummata Gadaati; ummata Gadaa gaaddisa taasifateedha. Gadaan ummata Oromoof aadaa, duudhaa, safuufi safeeffannaadhaa olitti, seera ittiin bulmaataafi wiirtuu eenyummaati. Adeemsi walkarkaa fuudhinsa aangoo nageessoo, sirnaawafi, ittigaafatamummaa qabu kunis, ogummaa waloo ummata Oromoo qabatamaan kan agarsiisudha.
Akeeka dubbii kiyyaaf, himoonni mirkanuu Abbaa Gadaa aangoo dabarsee kennuufi Abbaa Gadaa aangoo fudhatu gidduutti lallabaman kunniin ragaa ta’u:
“Hoo Baalli nagaya
ta hormaataa
ta bultumaa! ”
*****
“Kenni Baalli Nagaya
ta hormataa
ta bultumaa!”
****
Sirni Gadaa, sirna adeemsa yerootiin dhawaata dulloomee hojiirraa bahu osoo hintaane, umama yeroo mara fooyya’iinsaf banaa ta’e kan qabuufi caalmaa edu ta’uu isaatin, sirna Jaatanii hedduu dulloomsee akka haaraatti asgahe; Sirni Gadaa sirna jiraatadha. Isa kanas, tarree walaloo hawwiin Abbaan Gadaa Baallii dabarsu labsu
kanaan mirkaneessuu dandeenya:
“Gadooma na dabri!
qarooma na dabri!
hormataan na dabri
bultumaan na dabri!
waan dansa cufaan na dabrii
Nagaayan Gooro hobbaafadhu!”
Sirni Gadaa ALA, bara 2016 irraa kaasee Mootummoota Gamtoomanitti, Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aaadaa (UNESCO)’tiin, bakka bu’aa Hambaa Kiliyaa Dhala Namaa ta’uun moggaafameera. Haata’u malee, Mootummaan Naannoo Oromiyaa Sirna Gadaa dhimma dhaala hambaatii olitti hubata.
Aadaan keenya, hammattoo eenyummaa, diraa jabeenyafi tarkaanfii fooyya’iinsa keenyati. Dhaalli aadaa, hambaa eegamu qofa osoo hintaane, humna jiraataa har’aafi egeree keenya bocuudha.
Kana ilaalcha keessa galchuun tarkaanfiileen adda addaa fudhatamaa kan jiran yoota’u, “Haaromsa Aadaa Oromoo” baatii darbe labsameen gulantaa ittaanutti ce’uu irratti argamu.
Kunis, hidhata galmoota qabsoo Oromoofi aadaa isaa gidduutti umamaa turan marsaa ittaanutti kan guddisuudha. Sirna Gadaafi Safuun qaama sirna barnootaa kan ta’an yoota’u, sadarkaa barnoota olaanaa, digrii lammaffaafi sadaffaatti xiyyeeffannoo qorannoo akka argatu deeggarsi barbaachisu kennamaa jira.
Armaan dura Manni Murtii Aadaa, Tajaajila Lammummaa, Buusaa Gonofaafi Gaachana Sirnaa falaasama Sirna Gadaa irraa waraabamanii sirnoomun lafa qabachaa jiru. Yeroo ittaanuttis dhaabbileen humna waloo haaraa kan sirnooman yoota’u, isaan armaan dura sirnoomanis gahuumsafi dhaqabummaan jabaachafi baldhachaa kan deeman ta’a. Ammayyummaan Oromoo ofitti deebiifi alaa ergifannaa gidduutti madaallii eegun ibsamuu qaba.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, invastimantii eegumsa, guddinaafi haaromsa aadaa ummata keenyaa irratti taasisu hanga ogummaan Sirna Gadaafi calaqqeen aadaa ummata Oromoo guutummaan qaama ijaarsafi eenyummaa dhaabbileefi sirna keenyaa akkasumas jiruu guyyuu dhaloota haaraa ta’utti cimsee kan itti fufu ta’a.
Galmoota Mootumma Jijjiiramaa keenya keessaa tokko aadaa, duudhaafi eenyummaa ummata Oromoo ganamaa dagaagsuufi tiksuun sirna cimaa ijaarudha. Bu’uuruma kanaan hambaaleen aadaa kanniin akka seenaa, afaan, aartii, beekumsa xabboo, duudhaa, safuu, ilaalcha addunyaafi eenyumaa, dhiibbaa alaafi keessoo adeemsa seenaatiin dhufaniin, gara hin malleetti akka hindabne, hindagatamneefi hinjijjiiramne yeroo kamiyyuu caala xiyyeeffannoo olaanaan haaromfamaa jiru.
Carraa kanaan, Arda Jilaa Badhaasaa dabalatee, Ardaalee Jilaa qabnu misoomsuf qorannoon gaggeeffamaa kan jiru yoota’u, Giddugala Aadaa Magaalaa Yaaballoo bir. mil. 500 oliin lafa hkt. 57 irratti ijaarsisaa jirrus yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tajaajilaaf banaa kan taasisu ta’uu isiniif mirkaneessun barbaada.
Sirna Baallii Dabarsuu marroo 72’ssoo kanaan, Abbaan Gadaa Duraanii Kuraa Jaarsoo, Abbaa Gadaa Guyyoo Boruutti baallii/aangoo dabarsanii jiru. Irra deebiin baga gammaddan jechuun barbaada. Ummataafi qaamolee aarsaa qaalii kanfaluun eenyummaa kana tiksanii asiin gahaniif kabaja olaanaan qabu ibsuun barbaada.
Qaama dhaloota kanaa ta’uun, bu’aa qabsoo ummata keenyaa arguuf, jila seena qabeessa Arda Jilaa Badhaasatti argamee sirna Baallii Dabarsaa marroo 72’ssoo argee ragaa ta’uu kiyyatti gammachuu olaanaan qaabu ibsaa, Ummata Booranaa, Ummata Oromoo akkasumas ummattoota biyya keenyaa maraan baga nagaan geessan, baga nagaan geenye jechuun barbaada.
Sirna kana irraa duudhaalee nagaa, dimokraasii, haqa, tokkummaa, akkasumas misoomaa haadhaallu. Tattaaffii egeree ifaa Oromiyaa, Itiyoophiyaafi Gaanfa Afrikaa ijaaruuf taasisnu irratti, duudhaaleen kunniin nuuf haa’ifan.
Gadaan Quufaa Gabbina!