Shaampiyoonaan tapha guutuu Ispoortii Magaalaa Shaggar 2ffaan olaantummaa Laga Xaafoo Laga Daadhiin xumurame
Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) – Shaampiyoonaan tapha guutuu Ispoortii Magaalaa Shaggar marsaa 2ffaan kutaa magaalaa Sabbataatti gaggeeffamaa ture olaantummaa kutaa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiin xumurameera.
Shaampiyonaan tapha guutuu ispoortii magaalaa Shaggar marsaa 2ffaan kun kutaalee magaalaa 12 irraa Ispoortessitoota kuma 1 fi 500 gosoota Ispoortii 13’n dorgomamaa ture har’a xumurameera.
Sagantichi har’a bakka Kantiibaan magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa, Itti Gaadatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee magaalichaa obbo Alamaayyoo Tulluu, Itti gaafatamaan waajjira Dargaggoo fi Ispoortii magaalaa Shaggar obbo Naasir Huseenii fi itti gaafatamtootni waajjira dargaggoofi ispoortii kutaa magaalotaa, keessummootni sadarkaa magalaa Shaggariifi kutaalee magaalaa argamanitti sirna ho’aan cufameera.
Kutaan magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii qabxii waliigalaa 58 argachuun sadarkaa 1ffaan yoo xumuru, Buraayyuun qabxii 48’n 2ffaa fi Sabbataan qabxii 28’n sadarkaa 3ffaan xumuraniiru.
Ispoorteessitootaa fi kutaalee magaaloota qabxii gaarii galmeessaniif badhaasni medaaliyaafi waancaa kennameera.
Akkasumas qaamolee milkaa’ina dorgommichaaf tumsa taasisaniif beekamtii kennamuu ragaan Waajjira Ispoortii magaalichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia