Fana: At a Speed of Life!

Shaggar magaalaa giddugala tuurizimii Ispoortii hunda galeessa taate taasiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Ebla 4, 2017 (FMC) – Wal-dorgommiin shaampiyoonaa ispoortii marsaa 2ffaa tapha guutuu magaalaa Shaggar har’a Istaadiyeemii kutaa Magaalaa Sabbataatti eegalameera.

Shaggar magaalaa ammayyooftuu giddugala tuurizimii Ispoortii hunda galeessa taate taasiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu sagantaa baniinsa dorgommichaarratti kan argaman Kantibaan bulchiinsa magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsaniiru.

Hojiilee qindoominaan hojjetamaa jiraniin bu’aawwan gurgurguddoon gama ispoortiin argamuu himaniiru.

Shaggar hundaa’uun isaa ispoortii guddisuu qofaaf osoo hin taane, ispoortessitootaaf carraa guddaa uumuun Addunyaa irratti akka waamaman taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Itti Gaafatamaa Waajjira Dargaggootaafi Ispoortii Magaalaa Shaggar obbo Naasir Huseen gama isaaniin kaayyoon wal-dorgommichaa ispoortessitoota ciccimoo dorgommii guutuu Oromiyaa marsaa 30ffaa Magaalaa Ambootti gaggeeffamu irratti hirmaatan filachuuf ta’uu ibsaniiru.

Wal-dorgommiin kun gosoota ispoortii 13n guyyoota torbaaf kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Ispoorteessitoonni kuma 1 fi 500 ol dorgommicharratti kan hirmaatan ta’uu ragaan Waajjira Dargaggootaafi Ispoortii Magaalaa Shaggarirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.