Shaggaritti agarsiisni Baazaariifi Egzihibiishinii Oomishaalee Qonnaa, beelladaafi bu’aa beelladaa baname
Finfinnee, Ebla 4, 2017 (FMC) –Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti agarsiisni Baazaariifi Egzihibiishinii Oomishaalee Qonnaa, beelladaafi bu’aa beelladaa banameera.
Kutaa magaalaa Sulultaa, Kooyyee Faccee, Laga Xaafoo Laga Daadhii fi Buraayyuu dabalatee kutaalee bulchiinsa magaalichaa hunda keessatti banameera.
Agarsiisni Baazaariifi Egzihibiishinii oomishaalee Qonnaa, beelladaa lfi bu’aa beelladaa kun guyyoota 8f tura jedhame.
Agarsiisichi mata-duree “Shaggar Oomishaa jirti” “jedhuun kan qophaa’e yoo ta’uu oomisha argaman beeksisuun cinatti rakkoo dhiyeessii furuun tasgabbii gabaa uumuuf kan kaayyeffate ta’uun ragaan kominikeeshinii kutaalee magaalaa kanneenirraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa