Shaggaritti Baazaariin torban tokkoof turu gaggeeffamuufi
Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Baazaariin torban tokkoof turu gaggeeffamuuf ta’uu Itti aanaan Kantiibaa fi Qindeessaan Kilaastera Qonnaa fi Misoomaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar obbo Girmaa Hayiluu beeksisan.
Baazaarichi mata-duree ‘Shaggar oomishaa jirti” jedhuun gaggeeffama jedhan.
Ebla 4, 2017 eegalee kutaalee magaalichaa hunda keessatti kan gaggeeffamu ta’uu obbo Girmaan eeraniiru.
Baazaarii kanarrattis, muuxannoowwan, kalaqa garaa garaa, oomishaalee qonnaa kanneen akka xaafii, garbuu fi kanneen biroo akkasumas beelladaa fi bu’aawwan beelladaa, fuduraa fi muduraaleen kan dhiyaatan tahuus himaniiru.
Baazaarichi jala-bultii ayyaana yaadannoo Du’aa Ka’uu Iyesuus Kiristoos sababeeffachuun rakkoon dhiyeessii oomishaa akka hin mudanne gargaara jedhan.
Sagantaa kanaan, mariin Paanaalii adda addaas kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Kominikeeshinii magaalicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia