Fana: At a Speed of Life!

Shaggaritti teeknooloojii barnootaa babal’isuun dhaloota dorgomaa ta’e horachuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Mudde 15, 2017 (FMC) – Manneen barnootaa keessatti bu’uuralee misooma teeknooloojii babal’isuun dhaloota dorgomaa fi ga’umsa qabu horachuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Barnootaa Magaalaa Shaggar beeksise.

Magaalicha Manneen Barnootaa Kutaa Magaalaa Buraayyuu, Malkaa Noonnoo fi Kooyyee Facceetti Manneen Dubbisa Kitaabaa Diijitaalessuun barattoonni teeknooloojii waliin akka tarkaanfatan hojiileen hojjetaman fakkeenya ta’uu waajjirichi ibsameera.

Erga Manneen Kitaabaa Diijitaala ta’anii adeemsa barnootaa isaanii salphisuufii barattoonni kutaa magaalaa kanneenii ibsaniiru.

Dabalataan teeknooloojiitti waliin akka madaqan gargaaruu himan.

Manneen Kitaabaa Diijitaalomuun barattoonni dandeettii isaanii akka gabbifatan qooda olaanaa qabaachuu Barsiisonni kutaalee magaalaa kanneenii Faanaa Diijitaal Miidiyaaf himaniiru.

Rakkoo hanqina kitaabaa furuurra darbee barattoonni dandeettii Teeknooloojii akka gabbifatan taasisuu danda’eera jedhu.

Dhaloota teeknooloojiin walbaree addunyaa si’anaa madaalu horachuuf manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa hunda keessatti Manneen Kitaabaa Diijitaala taasiisuun hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Kanaafis bu’uuraalee misoomaa barbaachisu hunda guutuun barattoonni Kutaalee Diijitaalaa kana keessatti dandeettii isaanii gabbifachaa jiraachuu eerameera.

Dhaloota dorgomaa ta’ee fi ga’umsa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Firakiyyaa Kaasahuun himaniiru.

Manneen barnootaa keessatti Manneen Kitaabaa Diijitaalaa fi dhiyeessii Intarneetii guutuu qaban taasiisuun dhaloota gahoome horachuuf hojii hojjetameen bu’aa gaariin argamuu dubbataniiru.

Inisheetiiviin kun barataan addunyaan akka walbaruu fi hubannoo teeknooloojii akka gabbifatuuf gahee olaanaa taphataa jiraachuu ibsaniiru.

Hanqina hubannoo teeknooloojii jiru furuuf qaama dhimmi ilaallatu hundaaf itti fayyadama teeknooloojiirratti leenjiin hubannoo cimsuu kennamuu Obbo Firakiyyaan ibsaniiru.

Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu sadarkaa isaanii eeggatanii teeknoolojiin guutameef 104 hirmaannaa ummataan ijaaruuf karoorfame keessaa 92 ijaarsi isaanii eegaluu fi 31 ammoo xumuramuu Obbo Firakiyyaan Faanaa Diijitaal miidiyaatti himaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.