Fana: At a Speed of Life!

Sirni walharkaa fuudhinsa Appilikeeshinii Moobayilaa Caffee Oromiyaa taasifame

Finfinnee, Guraandhala 1, 2017 (FMC) – Sirni walharkaa fuudhinsa Appilikeeshinii Moobayilaa Caffee Oromiyaa taasifameera.

Appilikeeshiniin moobayilaa kun sirna diimokiraasii dagaagsuun caffeefi qaamolee caffeef odeeffannoo amanamaa, dhaqqabamaafi qulqullina qabu kennuuf akka tajaajilu himameera.

Caffeen haala ammayyaafii mijataa uumuuf yeroo adda addaatti haaromsa taasisaa akka ture Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahaamaan himaniiru.

Gabaasaafi labsiiwwan adda addaa baasii guddaa itti baasuun maxxanfamaa ture kan hambisuufii karaa ammayaawaan dhimmoota caffee ilaallatan haala ammayyaawaan kan keessumeessu ta’uu Aadde Sa’aadaan eeraniiru.

Appilikeeshiniin Moobaayilaa kun Tajaajila Caffeen raawwachisu ni hammayyeessa, Si’ataa taasisa akkasumas dhaqabamummaa odeefannoof, qunnamti caffeefi uummata jidduu jiru cimsuu,baasii xiqqaan ragaafi odeefannoo yeroo gabaabaa keessatti akka qaqqabu ni taasisaa jedhame.

Appilikeeshini kana caffee oromiyaatu akka misoomuu kan taasise yoo ta’u, deeggarsa kan taasise immoo ”Nezerland Instititute MultiParty Democracy” akka ta’es himameera.

Akkaataa itti fayyadama isaa irrattis miseensota caffeetiif hubannoon kennameera.

Baayiluu Baaneefi Daagmaawwi Daksiisaatu gabaase.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.