Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila paaspoortii argachuuf eenyummeessaan diijitaalaa “Faayidaan” haalduree ta’uufi

Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) – Tajaajilli Immigireeshiniifi Lammummaa tajaajilawwan paaspoortiif eenyummeessaa diijitaalaa “Faayidaa” akka ulaagaa tokkootti kaa’uun Sagantaa Eenyummeessaa Biyyaalessaa waliin tumsaan hojjechuuf waliigalan.

Tajaajilichi hojiilee riifoormii eegale cimsuun Waxabajjii 1, 2017 irraa eegalee “Faayidaa” kenniinsa tajaajila paaspoortiif ulaagaa akka ta’uuf hojjechaa turuu ibseera.

Tajaajilichi “Faayidaa” ulaagaa dabalataa gochuun tajaajiloonni damichaan kennaman nageenyi isaanii kan eegameefi tajaajilasaa waliin gahuuf Sagantaa Eenyummeessaa Diijitaalaa waliin hojjechuuf waliigaleera.

Namoonni dhuunfaa gaaffii tajaajila paaspoortii dhiyeessanii eeggachaa jiran paaspoortii fudhachuu wayita dhufan dursanii eenyummeessaa diijitaalaa Faayidaa galmaa’uu akka qaban hubachiiseera.

Tajaajilamtoonni eenyummeessaa diijitaalaa Faayidaa bifa waraqaan maxxansiisuun akkasumas kooppii diijitaalaa isaa bilbila isaaniin qabatanii dhufuun tajaajila argachuu akka danda’an Sagantaan Eenyummeessaa Biyyaalessaa beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.